Yaa’iin gamtichaa milkaa’aa ture-MDhA

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaan keessummoonni hedduun milkaa’inaan kan itti keessummaa’aan ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsa kennaniin, yaa’ichaan Itiyoophiyaan daran kan itti mul’attee milkaa’aa ture jedhan.

Yaa’icharratti keessummoonni kuma 17 ol hirmaatan keessaa kumni 12 ol kan ta’an kanneen biyya alaarraa dhufan ta’uu kaasaniiru.

Yaa’ichaaf Itiyoophiyaa waggaa 1 oliif qophii taasisaa turuu kan kaasaan Ambaasaadar Burtukaan, dippiloomaatota duraanii dabalatee tola ooltonni 101 dameewwan garaagaraan hirmaachifamuu ibsaniiru.

Tajajailli geejjibaa fi loojistiksii sadarkaa isaanii eeggataan kennamuus dubbataniiru.

Yaa’ichaan cinaatti ammoo waltajjiiwwan hedduun dhaabbilee garaagaraatti kan gaggeeffaman yoo ta’u, bakkeewwan hawwata tuuriizimii haaraa fi turan beeksisuu fi daawwachiisuun akka danda’ames ibsaniiru.

Yaa’ii kanaan Itiyoophiyaan giddugala Afrikaa ta’uu ishee kan itti mul’ate, aadaa keessummaa simachuu ummataas kan dinqisiifatamu ture jedhaniiru.

Guyyoota 6’f turtiin keessummootaa milkaa’aa akka ture himanii, milkaa’ina yaa’ichaaf kanneen tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Haayimaanot Wandiraaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment