Yaalli Daa’imman Mudaa waliin dhalatanii kennamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) –Yaalli Daa’imman Mudaa Qabanii har’aa eegalee duulaan kennamaa jiraachuu ibsameera.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa deeggartoota isaa waliin ta’uun duula yaala daa’imman mudaa waliin dhalatanii Gurraandhala 25 -28/2017tti kan gaggeessu ta’uu beeksiseera.

Daa’imman mudaalee akka baqaquu hidhii, baqaquu laagaa, miilla hookkoo/dabe akkasumas kuufama dhangala’aa sammuu keessaa fi rakkoo narvii dugdaa waliin dhalatan tajaajila yaalaa kana kan argatan ta’uun ibsameera.

Daa’imman jal’ina miilaa qaban Hospitaaloota kanneen akka Dadar, Galamsoo, Ciroo, Adaamaa, Asallaa, Gobbaa, Shaashamannee Ispeeshaalaayizdii, Bulee Horaa, Adoolaa, Moyaalee, Walisoo, Hospitala Yuuniversiitii Jimmaa, Mattuu, Dambidoolloo, Amboofi Fiicheetti duulaan yaaluun kan eegalame ta’uu ibsameera.

Akkasumas daa’imman hidhiifi laagaan baqaqee Hospitaalota Hawaasaa (Hospitaala Alaatiyoon), Hospitaala Yuunivarsiitii Jimmaa , Hospiitaala rifeeraalaa Adaamaa, Hospitaala Yooyyaa fi Finfinnee Phaawuloosittikan yaalaman ta’uun himameera.

Daa’imman kuufama dhangala’aa Sammuu, Dugdaafi dhibee narvii lafee dugdaa qabaniif Hospitaalota Riferaala Hawaasaafi Dirreedawaa, Hospitaala Dilcorraatti kan kennamu ta’uun eerameera.

Duulli Yaala Daa’imman Muda qabanii kun yeroo gaggeeffamu baasiin nama yaalamuus ta’e kan, nama yaalchisuu bilisaan dhaabbilee tola oltootaafi mootummaan kan uwwifamu ta’uu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Tajaajila Wal’aansaafi Hooggansa Dhaabbilee Fayyaa Olaanoo Dooktar Horaa Seeddisoon ibsanii jiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment