Fana: At a Speed of Life!

Antooniyoo Ruudigar taphoota 6 irraa dhorkame

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Taphataan sarara ittisaa Riyaal Maadriid Antooniyoo Ruudigar taphoota 6 irraa akka dhorkamu ifoomeera.

Antooniyoo Ruudigar tapha waancaa koppaa Deel Reey Ispeen  Barseloonaan Riyaal Maadriid injifate irratti  naamusa cabsuun murteessaa taphichaa irratti haaleellaa aggaammii raawwateen kaardii diimaan adabamuun isaa ni yaadatama.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen dhimmicha hordofee  taphoota 6’f dhorkaa kaa’eera.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen murtessaa taphaarratti haleellaa yaaluun taphoota 4 hanga 12  akka adabsiisu yaadachiiseera.

Adabbiin Antooniyoo Ruudigar irratti darbeen taphoota liigicha marsaa  kanaa hafan  hundaafi tapha baniinsa Laaligaa 2025/26 irraa kan isa dhorku ta’uun himameera.

Antooniyoo Ruudigar miidhama jilbaa isa muudateen wal’aansa baqaqsanii yaaluu kalessa taasifate.

Miidhamni isa muudates torban 6 hanga 8 dirree irraa isa fageessa jedhame.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.