Armeeniyaan hariiroo dippiloomaasii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu ibsite
Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Armeeniyaan hariiroo gamlamee fi hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Armeeniyaa Saahel Saargiisiyaan ibsan.
Armeeniyaa fi Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii waggaa 30 olii qabaachuu ambaasaaddirchi himaniiru.
Biyyoonni lamaan dameewwan adda addaan waliigaltee mallatteessuu isaanii yaadachiisanii, waliigalteewwaan kunneen hariiroo biyyoota lamaanii cimsaa jiraachuu himamiiru.
Ministeera dhimma hawaasummaa fi dubartootaa waliin dhimmoota tumsa waloo guddisuuf gargaaran irratti mar’achuu isaaniis ibsaniiru.
Damee barnootaanis biyyattii waliin hojjechuuf fedhii jiraachuu dubbataniiru.
Kanaanis wiirtuuwwan dandeettii waa uumuu daa’immanii guddisan naannoolee Itiyoophiyaa adda addaatti banuuf sochii eegaluus ibsuu isaanii TOItu gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia