Asoosaatti Warshaan Zayitaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarame eebbifame
Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuz magaalaa Asoosaatti Warshaan Zayitaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’n ijaarame eebbifameera.
Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan warshicha eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan magaalaa Asoosaa iddoowwan adda addaatti hojiilee sagantaa maaddii guutuun hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.