Ayyaana Iid Alfaxir waliif yaaduun dabarsuun barbaachisaadha- Mana Maree Federeeshinii
Finfinnee, Bitootessa 21, 2017 (FMC) – Ayyaana Iid Alfaxir waliif yaaduufi gaarummaa walitti agarsiisuun dabarsuun akka barbaachisu Manni Maree Federeeshinii ibse.
Manni marichaa Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1,446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Hawaasni musliimaa waqtii sooma Ramadaanaa wal deeggaruufi walgargaaruun dabarsuu yaadachiiseera.
Ayyaanichi kan nagaa akka ta’us hawweera.