Ayyaana Sooma Hiikaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin uumamne hojjetamaa jira- BDO
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Ayyaana Sooma Hiikaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin uumamne hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibse.
Qaala’iinsi gabaa akka hin mudanneefi ummanni karaa tasgaabbaa’een ayyaanicha akka dabarsuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsaniiru.
Godinaaleefi Magaalota naannichaa hunda keessatti midhaan gosa garaagaraa, meeshaalee bu’uuraa kanneen akka zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan Indaastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa dhiyeessuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Midhaan gosa adda addaa kuntaala miiliyoona 200 ol, kuduraa fi muduraa toonii kuma 400 fi kuma 50 ol, horii maalaa kuma 200 fi kuma 20 ol, re’ee kuma 200 fi kuma 30, hoolaa kuma 200, lukkuu miiliyoona 10, killee miliyoona 40 ol , zaayiita nyaataa liitiraa miiliyoona 1 fi kuma 500 fi daakuu kuntaala kuma 50 gabaaf dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabaa sanbataa 557 irratti qonnaan bultoonnii fi oomishtoonni oomisha qonnaa akka dhiyeessaniif caasaa sadarkaan jiru hirmaachisuun hojjetamaa akka jiru ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia