Ayyaana yaadannoo du’aa ka’uuf dhiyeessiin humnaa gahaan akka jiraatu qophiin taasifamuu ibsame
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Ayyaana yaadannoo du’aa ka’uuf hanqinni dhiyeessii humnaa akka hin mudanne qophii gahaan taasifamuu Qajeelchi Oppireeshinii Siistama Giriidii Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Jala bultii fi guyyaa ayyaanaa guutuu biyyattiitti fedhiin humnaa Meegaa Waattii kuma 4 fi 800 gahuu akka danda’u timaamamuu Daayrektarri qajeelchichaa obbo Miikiyaas Wandimmuun ibsaniiru.
Kana bu’uura taasiisuun hojiileen qophiin duraa hojjetamuu fi fedhii dabalaatan dhufu keessummeessuuf Humni Itti Eeggannoo Meegaa Waattiin 40 qophii ta’uu himaniiru.
Sararoonni daddabrsa humnaa olaanoo fi buufataaleen raabsaa addaan ciccituu humnaaf sababa akka hin taane hojiin dursanii sirreesuu fi sakatta’uu raawwatamuu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia