Ayyaanni Fichee Cambalaalaa milkiin xumurame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017( FMC)- Ayyaanni bara haaraa Uummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaan milkiin xumuramuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksise.
Ayyaanichi bakka uummanni hedduun argametti Hawaasaa Sooreesaa Guduumaaleetti haala ho’aa ta’een kabajamuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Shimallis Toomaas ibsaniiru.
Ayyaanichi haala ho’aan akka kabajamuuf hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu kaasuun, galateeffataniiru.
Keessummoonni ayyaanicha kabajuuf bakkeewwan garaagaraarraa dhufan nagaan deebi’aa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.