Ayyaanni Iid Alfaxir waggaa 1446ffaan boru kabajama jedhame
Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Addeessi Baatii Shawaal bahuu hordofee Ayyaanni Iid Alfaxir waggaa 1446ffaan boru akka kabajamu ibsameera.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheek Gaalii Muktaar Abbaa Duraan Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoonni Amantii Islaamaa ayyaanicha jaalalaafi tokkummaan akka kabajan gaafataniiru.
Ayyaanichi milkiin akka xumuramu hawaasni Musliimaa hundi qaamolee nageenyaa waliin tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajii Ibraahiim Tufaan Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuu ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.
Hawaasni Musliimaa Ayyaana Iid Alfaxir wayita kabaju akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajuu akka qaban dhaamaniiru.
Lammiilee rakkoolee garaagaraa keessa jiranii fi harka qalleeyyii garaaruun akka kabajan gaafataniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Eebba hafuuraa, jaalala, kabajaa fi tokkummaa baatii Ramadaanaa argame itti fufsiisuun Musliima hundaarraa kan eegamau ta’uu Yaa’ichi ibseera.
Baatiin Ramadaanaan baatii hawaasni Musliimaa soomaa fi kedhannaan uumaatti dhiyaate, jaalallii fi waliif nahuun itti argame, gaarummaa fi obbolummaan itti dagaage baatii guddaa ta’uu himeera.
#Oromia #Ethiopia