Ayyaanni yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoota hordoftoota Amantaa Ortodoksii Waloomaa biratti kabajamaa jira
Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Ayyaanni yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa biratti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
Ayyaanichi Mana Amantaa Kaateediraalii Qulqulluu Sillaaseetti bakka Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas dabalatee hangafoonni Phaaphaasii biroon argamanitti sirnoota adda addaan kabajamaa jira.
Sirna kadhannaa, Soomaa fi sagadaan kabajamaa jira.
Wareegamnii fi dhukkubbiin Iyyesuus Kiristoos dhala dhala namaa fayyisuuf jecha guyyaa Jimaataa Fannoorratti dabarse sirnoota adda addaan yaadatamaa jira.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia