Baaburri Itiyoo – Jiibuutii tajaajila si’ataa giddugala tokkoo kennaa jira jedhame
Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Waldaan Aksiyoonaa Baabura Itiyoo – Jiibuutii tajaajila fe’umsaa dabalatee tajaajila garaagaraa giddugala tokkoo kennaa jiraachuu beeksiseera.
Waldaan Aksiyoonaa Baabura Itiyoo – Jiibuutii tajaajila hojiilee Daldalaa fi Loojistiksii kan kennu ta’uu dhaabbatichatti Daayrekterri Loojistiksii waliigalaa aadde Mintasinoota Yohaannis Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Tajaajilichi Tiraanziitaroota ergitoonnii fi galchitoonni kana dura alaa argachaa turan tajaajila Gumrukaa fi Dookumantii Buufataa giddugala tokkorraa akka argatan taasisuu eeraniiru.
Waliigalaan tajaajilli Geejjibaa fi Gumrukaa giddugala tokkotti kennamuun dhamaatii ture kan hambisuudha jedhan.
Baasiin kaffaltii Tajaajila Buufataa fi Gumrukaas duraan xiqqaa ta’uu kaasaniiru.
Hojmaanni maamiltoonni adeemsa waliigalaa itti hordofanis diriiruu aadde Mintasinoot eeraniiru.
Gatii tajaajilichaa beekuuf 9546 irratti bilbiluun baruun kan danda’amu akka ta’es kaasaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia