Baankichi baatiwwan salgan darban galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 25 argachuu ibse
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa baatiwwan salgan darban galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 25 argachuu beeksiseera.
Fooyyessi Imaammata Diinagdee hojiirra oole kuufama sharafa alaa fi dandeettii qusannaa baankootaa guddisuu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoon ibsaniiru.
Imaammanni sharafa alaa gabaan durfamu hojiirra ooluun garaagarummaa sharafa alaa gabaarra ture dhiphisuu himaniiru.
Baankoonni sharafa alaa hammaan olaanaa ta’e argachuu himuun, kunis dameewwan adda addaaf sharafa alaa dhiyeessuun guddina diinagee biyyaalessaa saffisiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Haala mijataa fooyyessichi uumeen oomishaalee gabaa alaaf dhiyaatan dabaluun argannoo sharafa allaa guddisaa jiraachuu eeraniiru.
Fooyyessi taasiifame sirnaan durfamuun isaa bu’aa jajjabeessaa argamsiiseras jedhan.
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa baatiwwan salgan darban galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 25 argachuu fi kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame caalmaa olaanaa qabaachuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia