Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash Ayyaana Hiikaa Sababeeffachuun harka qalleeyyiif maaddii qoode

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Bankiin Awaash Ayyaana Hiikaa sababeeffachuun magaalaa Jimmaa fi Kutaa Magaalaa Sulultaatti lammiilee 200 ta’aniif deeggarsa akaakuu taasise.

Magaalaa Jimmaatti kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii 150 ta’aniif Daakuu, Zayita nyaataa fi maallaqa dheedhii Birrii kuma 2 deeggarsa taasiiseera.

Baankichi Magaalaa Jimmaa dabalatee magaaloota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa 5 keessatti deeggarsa Birrii miiliyoona 3 olii kenneera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaattis baankiin Awaash ayyaana Hiiikaa bara 2017 sababeeffachuun harka qalleeyyii 100 ol ta’aniif deeggarsa mallaqaa, daakuufi zayitaa nyaataa kenneera.

Deeggarsa akaakuu Birrii kuma 700tti tilmaamamu taasiseera.
Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Kutaa magaalichaa Obbo Tasfaayee Hayiluun, Baankiin Awaash ayyaana Hiikaa sababeeffachuuun deeggarsa namoota harka qalleeyyiif taasise galateeffataniiru.

Baankiin Awaash akka biyyatti magaalota 100 ol keessatti harka qalleeyyii kuma 10niif deeggarsa Birrii miiliyoona 60 ol taasiisuu ibsameera.

Samiiraa Muhaammadyasinii fi K/K/M Sulultaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.