Baankiin Biyyaalessaa bu’aa caalbaasii sharafa alaa ifoomse
Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa bu’aa caalbaasii sharafa alaa guyyaa har’aa gaggeesse ifoomseera.
Caalbaasicharratti baankonni 12 hirmaachuu miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.
Haaluma Kanaan gatiin caalbaasii sharafa alaa giddugaleessaan Doolaara 131.7095 ta’ee galmaa’uu eereera.
Baankichi haala gabaa sharafa alaa itti dhiyeenyaan hordofuun akka barbaachisummaa isaatti gurgurtaa dabalataa sharafa alaa akka gaggeessu himeera.
Caalbaasiin sharafa alaa itti aanu torbanoota lama keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ibseera.