Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa caalbaasii sharafa alaa idilee fi itti fufaa baasuufi

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa caalbaasii sharafa alaa idilee fi itti fufaa baasuuf ta’uu beeksiseera.

Torbee lama lamaan caalbaasii sharafa alaa idilee gaggeessuu jalqabuuf ta’uu himeera.

Kunis baatiwwan itti aanaan hedduuf kan gaggeeffamu ta’uu baankichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

Kaayyoo baankii giddugaleessaatti sirna sharafa alaa tasgabbaa’aa ta’e milkeessuuf ta’uu ibseera.

Caalbaasiin Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa torbee lama lamaan baasu kun sharafa alaa tasgabbeessuu fi riifoormiin booda maadala sharafa alaa fooyya’aa jiru caalmaatti cimsuuf kan gargaarudha jedhame.

Bu’uuruma kanaan baankileen fedhii qaban yeroo kenname keessatti sanada caalbaasii akka galchan waamicha dhiyeesseera.

Doolaari miiliyoonni 50 caalbaasii kanaaf dhiyaachuu fi caalbaasichis Bitootessa 23, 2017 karaa fauction @nbe.gov.et kan gaggeeffamu ta’uu ibseera.

Yeroon Caalbaasii sanadaa ganama sa’aatii 4 -6 ta’uu fi bu’aan caalbaasii ammoo waaree booda sa’aatii 9:00 kan ifoomu akka ta’e eereera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.