Baatii soomaa kana keessa namoota kuma 800 fi kuma 14’f deeggarsi taasifamuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Baatii Sooma Ramadaanaafi Hiikaa keessa namoota harka qalleeyyii kuma 800 fi kuma 14’f deeggarsi garaagaraa taasifamuu Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa ibse.
Namoota harka qalleeyyiif deeggarsa nyaataafi uffannaa dabalatee deeggarsa xiin-sammuu taasisaa jiraachuu biirichatti Daayrektarri Eegumsa Hawaasummaa obbo Abdullaahii Ahimad Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Baatii sooma Ramadaanaafi Hiikaa keessa deeggarsa walitti fufiinsa qabu taasifameen namoonni kumni 800 fi kumni 14’f deeggaramuu eeraniiru.
Deeggarsi taasifame daakuu, zayita nyaataa, teemiraafi uffata ta’uu kaasuun, warreen daandiirra jiraataniifis sagantaa Afxiraa mijeessuun deeggarsi godhamuu himan.
Deeggarsi waqtii sooma kanatti taasifame maallaqatti yoo shallagamu Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 500 ta’uu dubbataniiru.
Hanga Ayyaanota lameeniitti namoonni harka qalleeyyiin miiliyoona 1 fi kumni 200 akka deeggaraman eeraniiru.
Aadaan walgargaarsaa cimaan tibba soomaafi ayyaanaa jiru, waggaa guutuu cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatiin.
#Oromia #Ethiopia