Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan Jahaan darban Galiin Birriin biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 11 ol walitti qabame – Kantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Manni Maree Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Idilee 2ffaa bara hojii 4ffaa taa’aa jira.

Baatiwwan jahaan darban Galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 25.5 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 11 ol walitti qabamuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii hojii dhiyeessaniin himaniiru.

Galiin argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 37.2 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Baajanni mootummaa misooma waaraaf ramadamu % 71 gahuu kaasaniiru.

Baatiwwan jahaan darban keessaa dhaabbileen daldalaa kumni 8 fi 450 gara sirna Vaatii galuu kaasaniiru.

Faayiloota tajaajilamtootaa miiliyoona 1.8 bifa haaraan gurmeessuun tajaajilli kennamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.