Baatiwwan jahan darban Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamaman to’ataman – Poolisii Federaalaa
Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Baatiwwan jahan darban Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamaman to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.
Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turanii fi biyyaa bahuuf turan hordoffii taasiifameen to’atamuu himeera.
Qorichaaleen, Horiin Gaanfaa, Midhaan Dheedhii, Jimaa, Meeshaaleen qaama jijjiirraa Konkolaattootaa, baalli Sammuu namaa Hadoochu, Meeshaaleen Elektirooniksii kanneen heddumminaan to’ataman keessaa isaan muraasa ta’uutu himame.
Meeshaaleen kunneen buufataalee sakkattoo Dirre Dhawaa, Harar, Shinlee fi Daawaaleetti kan to’ataman ta’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia