Baatiwwan salgan darban Daldala Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoona 5.3 argameera – MDWHN
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Baatiwwan salgan darban Daldala Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoona 5.3 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.
Ministeerichi har’a raawwii hojii diinagdee Gooroo fi damee daldalaa baatii salgan darbanii hojjettoota ministeerichaa fi dhaabbilee waamamtootaa waliin gamaaggamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniiru.
Baatiwwan salgan darban gama hundaan raawwiin bu’a qabeessi argamuu himaniiru.
Galmee fi heyyama daldalaa miiliyoona 2.6 onlaayiniin raawwatamuu kaasaniiru.
Hojii gabaa boba’aa to’achuuf hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamuu himaniiru.
Baatiwwan salgan darban Daldala Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoona 5.3 argamuu dubbataniiru.
Miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaa dhugoomsuuf Walgahii Garee Hojii 5ffaa irratti bu’aan guddaan argamuus ibsaniiru.
Waliigaltee Daldala Walabaa Ardii Afrikaa hojiirra oolchuuf sadarkaa dhumaarra gahamuu Dooktar Kaaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
#Oromia #Ethiopia