Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan salgan darban Daldala Warqeerraa sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu ibsame

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Baatiwwan salgan darban Daldala Warqeerraa sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu Ministeerri Albuudaa beeksise.

Ministeerri Albuudaa raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii ministeerichaa fi dhaabbilee waamamtootaa gamaaggameera.

Warqee toonii 26 Baankii Biyyaalessaaf dhiyaaterraa sharafni alaa Doolaarri biiliyoonni 2.1 argamuu himeera.

Piroojektoonni Warshaa Simmintoo, Warqee fi Dhagaa Cilee xumuramuun gara hojiitti galuu isaanii gamaaggamichaan ka’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.