Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina hunda-galeessa ta’e dhugoomsuuf hirmaannaan dargaggootaa murteessaadha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Magaalaa Shaggaritti Leenjii dandeettii raawwachiisummaa jaarmiyaalee fi caasaa dargaggootaa cimsuu mata duree “Dargaggummaa Badhaadhina Biyyaaf!” jedhuun kennamuu eegaleera.

Dargaggoonni abdii dhaloota har’aa fi egeree ta’uun leenjicharratti ibsameera.

Dargaggeessi carraalee misoomaa naannoo isaatti argamu beekee fi hubatee sirnaan akka itti gargaaramu gahoomsuun barbaachisaadha jedhame.

Biyyi dargaggoota hojiilee hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee keessatti osoo hin hirmaachifne guddate hin jiru jedhan Kantiibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ergaa baniinsa leenjicharratti dabarsaniin.

Daraggoonni daandeettiifi beekumsa qabaniin biyya isaanii akka tajajilaaniif daandeettii isaanii hubannoofi leenjiin gabbisuun dirqama ta’uu kaasaniiru.

Gahee dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuu, hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa jaarmiyaalee fi dargaggoota sadarkaan jiranii cimsuun murteessaa ta’uus himuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.