Fana: At a Speed of Life!

Balaa Xiyyaaraa Ameerikaatti mudateen lubbuu lammiilee darbe hordofee Itiyoophiyaan gaddi itti dhagahamuu ibsite

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) -Balaa Xiyyaaraa Ameerikaatti mudateen lubbuu lammiilee darbe hordofee mootummaan Itiyoophiyaa gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Ameerikaatti Xiyyaarri imaltoota 60 fi hojjettoota balallii 4 fe’ee imalaa ture Helikooptara Loltoota 3 fe’ee balali’aa tureen walitti bu’uun laga keessatti kufuun lubbuu namoota hedduu galaafachuun kan yaadatamuudha.

Mootummaan Itiyoophiyaa maatii lammiilee miidhamaniif jajjabina hawwuu Ministeerri Dhimma Alaa ergaa dabarseen himeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.