Fana: At a Speed of Life!

Balaan ibiddaa Aanaa Wandootti mudatee ture to’atamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)-Balaan ibiddaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandoo Ganda Gootuu Olomaa bosona gaara Abarootti mudatee ture to’atamuu Bulchiinsi Aanichaa ibse.

Balichi kaleessa guyyaa Sa’aatii 10:00’tti mudachuun qilleensaan gara bosonaatti babal’achuu Bulchaan Itti Aanaa Aanichaa Obbo Shaambal Tunaa himaniiru.

Yeroo ammaa ibiddichi guutummaatti dhaamuus ibsaniiru.

Balichi lafa heektaara 40 irraan miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Balicha to’achuuf hojjettonni Yuunivarsiitii Hawaasaa Kolleejjii Wandoogannat, hawaasni naannawichaa fi Bulchiinsi Magaalaa Shaashamannee deeggarsa taasisuun ibsameera.

Faanaa Dijitaal eda galgala balaan Ibidda Bosonaa Aanaa Wandootti mudachuu fi balicha to’achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu gabaasuun ni yaadatama.

Geetaachoo Mul’ataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.