Bara Gadaa kiyyaatti misoomaafi nageenyi hawaasaa akka mirkaanaa’uuf dursa kenneen hojjedha- Guyyoo Boruu
Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) – Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa ta’uuf kan jiran Guyyoo Boruu bara Gadaa kiyyaatti misoomnii fi nageenyi hawaasaa akka mirkaanaa’uuf dursa kenneen hojjedha jedhan.
Guyyoo Boruu gulantaalee Gadaa hunda keessa darbuun gulantaa gadoomaarra gahuusaanii ibsuun, yeroo ammaa sirnoota aadaa hunda raawwachuun wal harkaa fuudhiinsa baallii irratti akka argaman himaniiru.
Bara gadoomasaanii dhimmoota faayidaa hawaasaa mirkaneessan irratti kan hojjatan ta’uu eeranii, misoomaafi nageenyi dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjataman ta’uu ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Sirni Gadaa cimee akka itti fufu, aadaan wal dhaggeeffachuufi wal hubachuu dagaaguun tokkummaan hawaasaa akka cimu, safuufi safeeffannaan cimuun dhaloonni aadaafi duudhaasaa beekee ittiin akka buluuf kan hojjatan ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia