Fana: At a Speed of Life!

Bara kana hanga ammaatti Albuuda gara Alaatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoona 85 argame – ATMAO

Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Bara kana hanga ammaatti Albuuda gara Alaatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoona 85 argamuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise

Qabeenya albuudaa sirnaan hoogganuu fi sirnaan bulchuun diinagdee rogdaneessa milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Hogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Dooktar Namarraa Gabayyoon ibsaniiru.

Albuuda Kiiloo Giraama kuma 3 fi 435 baankii biyyaalessaaf dhiyeessuuf karoorfamee karooraa ol raawwachuun kan danda’ame ta’uu himaniiru.

Oomisha albuudaa gabaa alaaf dhiyaaterraa hanga ammaatti galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 85 argamuu Dooktar.Namarraan dubbataniiru.

Oomisha gabaa biyya keessaaf dhiyaaterraa ammoo galiin Birriin biiliyoonni1 ol argamuu eeraniiru.

Damichaan lammiilee kuma 47 fi 496 carraan hojii dhaabbii fi yeroo uumuun danda’amuu Dooktar Namarraan kaasuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.