Barreessaa Olaanaan Paartii ‘Patriotic Front ‘Ruwaandaa Welars Gaasamaageeraan Paarkii tokkummaa daawwatan
Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) – Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachuuf Finfinneetti kan argaman Barreessaa Olaanaan Paartii ‘Patriotic Front ‘Ruwaandaa Welars Gaasamaageeraan Paarkii tokkummaa daawwataniiru.
Welars Gaasamaageeraan bara 1987 kan hundaa’e paartii ‘Patriotic Front’ Ruwaandaa barreessaa olaanaa ta’uun tajaajilaa jiru.
Angoolaatti Ambaasaaddara Ruwaandaa ta’uunis tajaajilaniiru.
Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa Amajjii 23 -25, 2017 eegalee mata duree ‘Waadaa hanga aadeffannaatti’ jedhuun taa’ama.
Yaa’ichi murteewwan mul’ata badhaadhina hundagaleessa Itiyoophiyaa milkeessuuf dandeessissan ni dabarsaan eegama.
#Oromia #Ethiopia