Barreessaa Olaanaan Paartii ‘People’s Rally for Progress’ Jiibuutii Finfinnee galan
Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) – Barreessaa Olaanaan Paartii People’s Rally for Progress (RPP) Jiibuutii Isaayyaas Muusaa Daawaalahiin Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Isaayyaas Muusaa Daawaalahiin wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideefi Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simataniiru.
Yaa’ii kana irratti paartiileen obboleeyyanii biyyoota ollaa fi paartileen obboleyyanii biyyoota miseensa BRICS dabalatee biyyoota 15 irraa hoggantoonni olaanoo 43 ni hirmaatu jedhamee eegama.
Yaa’ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa Amajjii 23 – 25, 2017’tti Finfinneetti mata duree “Waadaarraa hanga Aadeffannaatti” jedhuun ni gaggeeffama.
#Oromiyaa #Ethiopia