Fana: At a Speed of Life!

Barruuleen Daa’immanii ‘ Naa’otaa ‘ jedhamu eebbifame

Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Barruulee daa’immanii ‘Naa’otaa’ jedhamu Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaatiin qophaa’e Magaalaa Adaamaatti eebbifameera.

Barruulen kunneen Bakka hoggantoonni Olaanoo Mootummaa, Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, barattoonnii fi qooda fudhattonni biroo argamanitti eebbiifameera.

Barruulen kunneen Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaatiin kan maxxanfaman ta’uun ibsameera.

Ministirri Itti Gaafatamaa Damee Hariiroo Uummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan Sirna eebbicharratti argamuun haasawaa taasisan, Dhalootni kaleessaa sababa garaagaraan nu harkaa ba’eera, Kan harka keenya jiru dhaloota har’aa waan ta’eef gama obbolummaa, tokkummaa fi walqixxummaan irratti hojjechuu qabna jedhan.

Barruulen kun xiinsammuu daa’imannii kan cimsu ta’uu bira darbee, aadaa dubbisuu ijoollee kan guddisuudha jedhame.

Oliiqaa Girmaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.