Fana: At a Speed of Life!

BBO fi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Yunivarsiitiin Finfinnee Waliigaltee Atooma hojii Waliif mallatteessaniiru.

Waliigalticha Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi Eeggataan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel kiflee mallatteesaniiru.

Biiroon Barnoota Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu, Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa keessatti akaakuu barnoota idilee kennu cinaatti afaanota biyya alaa afaan Chaayinaa, Arabaa fi Faransaay kennaa jiraachuun ni beekama.
.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Biirichi dameelee garaagaraan waliin hojjechuuf waliigaluu ragaan BBO irra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.