Fana: At a Speed of Life!

Biirichi bu’aalee teeknooloojii tajaajila si’ataa kennisiisan ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Biiroon Bulchiinsaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee bu’aalee teeknooloojii tajaajila si’ataa kennisiisuu dandeessisan ifoomseera.

Saganticharratti Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaafi Tasgabbii Magaalichaa Aadde Liidiyaa Girmaa, Hojii Gaggeessaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbii Magaalichaa Kumaalaa Zarihuun Tafarraa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Yeroo kamiyyuu caalaa gurmaa’iinsi nageenyaafi tasgabbii magaalichaa eegu kan barbaachisu ta’uu Aadde Liidiyaan ibsaniiru.

Kanaaf ammoo gurmaa’iinsa cimaa ergama isaa bahatu uumuun caasaa nageenyaa garaagaraa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Biirichi hojii isaa si’ataa taasisuufi waliingahuuf teeknooloojiiwwan yeroo waliin deeman 10 bara baajataa 2017’tti misoomsuun yaaliirra turuu yaadachiisaniiru.

Guyyaa har’aa teeknooloojiiwwan kanneen ifatti hojii eegalchiisuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Biirichi guyyaa har’aa toora bilbila bilisaa 8882, marsariitii, Appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee, Aseet Maaneejimanti, Viidiyoo Konfirensii dabalatee hojiilee teeknooloojii biroo ifoomsuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.