Biirichi Maashinarota Birrii miiliyoona 200 oliin bitaman Godinaaleef raabse
Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)–Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Maashinarota Birrii miiliyoona 200 oliin bitaman Damee Godinaaleef qoodeera.
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiiksii Oromiyaa baajata fandii daandii federaalaa fi naannoo irraa argatuun hojii suphaa daandii godinaalee hundatti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Hogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Bulchiinsa Daandii Biirichaa Injiinar Mohaammad Nuuraa, maashinaroonni 20 Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 19’n bitaman dameelee Suphaa godinaaleef dabarfamuu ibsaniiru.
Hojii daandii saffisiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun cinaatti baasii kiraa maashinaarotaaf ba’us kan hambisu ta’uu himuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.