Bireentifoord 0 – 2 Liiverpuul
Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Taphoota Piirimiyeer liigii Ingilaandi galgala kana taphatameen Liiverpuur galchii 2 fi 0n Bireentifoord injifachuun dursummaa liigichaa cimsate.
Taphoota biroon Fuulhaam galchii 2 fi 0n Leestar Siitiin yoo injifatu, Kiristaal Paalaas galchii 2 fi 0n Weest Haam injifateera.
Halkan sa’aatii 2:30 eegalee morkiin Arseenaal Istaadiyeemii Emireetiitti Astoon Viilaa waliin taasiisus xiyeeffannoon eegamaa jira.
#Oromiyaa #Ethiopia