Fana: At a Speed of Life!

Boba’aan seeraan ala kuufame liitirri kuma 2 fi 300 ol to’atame

Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)– Boba’aan Beenzilaa seeraan ala kuufame liitirri kuma 2 fi 300 ol to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.

Gochi Yakkichaa Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 7 Bakka Addaa Sangaa Taraa jedhamee waamamutti kan raawwate yoo ta’u, namoonni yakkichaan shakkamanis sirna daldalaa mootummaan ala gurguruu fi bu’aa argachuuf jecha Beenzilicha kan kuusan ta’uu ibsameera.

Hordoffii Poolisiin taasiseen Beenzilichi Konteenara tokko keessatti jaarkaaniin kuufamee to’atamuu kan eere poolisiin, namoonni gochichaan shakkaman lamas to’atamuun qoratamaa jiraachuun ibsameera.

Hawaasnis namoota gocha yakka akkanaarratti hirmaatan wayita argu eeruu akka kennuu Poolsiiin Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.