Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 72 galmeessisaniif lafa Invastimantii Murteesse

Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) –Boordiin Invastimantii Oromiyaa Abbootii qabeenyaa kuma 2 fi 500 ol Kaappitaala Birrii Birrii 72 ol galmeessisaniif lafa Invastimantii murteesseera.

Boordichi walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen, Invastaroota Biyya Keessaa, biyya Alaa, Qonnaan Bultoota Adda duree, IMX fi Waldaa Hojii Gamtaa gara Invastimantiitti ce’an Seektara Invastimantii garaagaraa irratti simatamuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan Abbootii qabeenyaa kuma 2 fi 500 ol Kaappitaala Birrii biiliyoona 72 ol galmeessisaniif murtoon darbuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsaniiru.

lafa heektaara kuma 18 ol irratti murtoon kan kenname yoo ta’u, Invastaronni kunneen kallattii kaa’ameen hojitti akka galan ibsamuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.