Booyingi biiroo isaa Afrikaa Finfinneetti bane
Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Booyingi biiroo isaa Afrikaa Finfinneetti banuun ibsame.
Booyingi biiroo isaa Afrikaa Finfinneetti banuun mul’ata keenya idil addunyaa milkeessuuf tarkaanfii murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.
Dooktar Alamuu Simeen sagantaa baniinsa biirichaarratti argamuun haasawaa taasisaniin, biirichi Finfinneetti banamuun Aveeyeeshinii idil-addunyaarratti guddina Itiyoophiyaa mul’isuurra darbee mul’ata idil-addunyaa Afrikaa walitti hidhamteefi badhaate dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan dandeettii geejjibaafi loojistiksii guddachaa dhufe uumuu danda’uu eeranii, Roodmaappiin waggoota kudhanii bu’uuraalee misoomaa damichaa ammayyeessu,baasii daldala geejjibaa hir’isuufi Afrikaa walitti hidhuu dandeessisu qopheessuun hojjechaa akka jiran eeraniiru.
Damichaan karoora misoomaa waggoota 10 dameewwan geejjiba baaburaa, misooma buufataa, aviiyeeshinii,fi Ismaart loojistiksiin sektaroota dhuunfaa akka Booyingi waliin hojjechuuf karoorri invastimantii Doolaara biiliyoona 74 kaa’amuus himaniiru.
Hoggansi dhaabbatichaa amantaa Itiyoophiyaarraa qabuuf galateeffachuun, tumsa Kanaan qaamolee xiyyaaraa oomishuun, leenjiiwwaniifi boba’aa aviiyeeshinii waaraa irratti tumsaan hojjechuun michummaa keenya ni cimsina jedhan.
Waliin ta’uun Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa gara cancala dhiyeessii idil-addunyaatti guddisuufi Finfinnee Giddugala kalaqaa Eeroospeesii Afrikaa gochuun akka danda’amu eeraniiru.
Sagantaa baniinsaa biiroo kanarratti Giddugala Bahaatti, Turkii, Afrikaafi Giddugala Eeshiyaatti Pireezidaantiin Booyingi Kuuljiit Gaat fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasiingaa dabalatee hoggantoonni olaanoon garaagaraa argamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.