Fana: At a Speed of Life!

Borurraa eegalee mata duree “Yaadatamuu Hafuuraa Itiyoophiyaaf” jedhuun lallabni wangeelaa Addabaabaayi Masqalaatti gaggeeffama

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Borurraa eegalee mata duree “ Yaadatamuu Hafuuraa Itiyoophiyaaf” jedhuun lallabni wangeelaa Addabaabaayi Masqalaatti ni gaggeeffama.

Lallabni wangeelaa kun boruufi iftaan guyyaa sa’aatii 7:00 irraa eegalee Addabaabaayii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Saganticha kan qopheessan Mana Maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa fi Waldaa Wangeelaa Biilii Giraam ta’uu himameera.

Pireezidaantiifi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Wangeelaa Biilii Giraam, Lubni Firaankiliin saganticha ilaalchisuun ibsa laataniin, gara biyya miidhagduufi cimtuu Itiyoophiyaatti dhufuu isaaniitti gammaduu ibsaniiru.

Sagantichi  sagantaa kadhannaa, lallaba wangeelaa fi faaruu of kessatti hammachuu eeraniiru.

Barreessaa Olaanaan Mana Maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruu gamasaaniin, sagantichaan akka biyyaatti kan ittiin uumaa dhaggeeffannu, waa’ee Itiyoophiyaa fi uummata isheef uumaa kan itti kadhanudha jedhaniiru.

Salamoon Bayyanaa fi Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.