Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Beenzilli seeraan ala socho’aa ture to’atame
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Beenzilli seeraan ala daddabarfamaa ture Barmeelli 96 to’atamuu Qajeelchi Poolisii magaalichaa beeksise.
Boba’aan kun Finfinnee irraa ka’ee gara Godina Qellem Wallaggaa osoo dabarfamaa jiruu eeruu ummataan magaalaa Naqamteetti to’atamuu ibseera.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia