Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Saba Hawwiitti hiriirri qabsoo hidhannoo mormu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Saba Hawwii Aanaa Fagtaa Lakoomaatti hiriirri qabsoo hidhannoo mormu gaggeeffameera.

Konfiraansiin Ummataa filannoowwan qabsoo karaa nagaa deeggarus gaggeeffameera.

Hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa fi jiraattoonni naannawichaa hiriira ummataa kanarratti argamuu ibsameera.

Humnoonni hidhannoon bosona keessa socho’aa jiran ummata naannirra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu fi hojii misoomaarratti gufuu ta’uu isaanii hoggantoonni hiriiricharratti argaman ibsaniiru.

Ummanni qaamoleen nageenyaa waliin hidhattoota kanneenirratti qabsaa’uu eegaluu hordofee naannawaa hedduutti tasgabbiin bu’uu eeruu, mootummaan gaaffiilee ummataa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsameera.

Nageenyi amma argame caalmaatti akka waaroomuu qabu tumsa barbaachisu hunda gochuuf murannoo qabaachuu hawaasni

hiriiricharratti argaman himuu AMCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.