Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiif maaddii qoode

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017( FMC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Alfaxir Waggaa 1446ffaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii kuma 100’f maaddii qoodeera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, bulchiisni magaalichaa waggoottan torban darban hojiilee namarratti xiyyeeffatan irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Sagantaan maaddii qooduu guyyaa har’aas abbootii qabeenyaa magaalichaa hirmaachisuun namoonni harka qalleeyyiin ayyaanicha gammachuun akka dabarsaniif kaayyeffachuu kaasaniiru.

Baatii sooma Ramadaanaa kana keessa namoota harka qalleeyyii  kuma 68’f maaddiin qoodamuu eerameera.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.