Fana: At a Speed of Life!

Buna Gabaa Alaaf dhiyaaterraa galiin Doolarri miiliyoonni 900 ol argame

Finfinnee, Amajjii12, 2017 (FMC) –Baatiwwan jahan darban Buna Gabaa Alaaf dhiyaaterraa galiin Doolarri miiliyoonni 900 fi miiliyoonni 8 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksise.

Oomisha Bunaa Toonii kuma 200 fi kuma 4 fi 206 gabaa alaaf ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 900 fi miiliyoonni 8 ol argamuu Daayrektarri Itti Aanaan Abbaa taayichaa Shaafii Umar himaniiru.

Oomishni Bunaa Baatiwwan jahan darban alatti ergame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 73 caalmaa qabaachuu fi galiin argames Doolaa Miiliyoona 300 fi miiliyoona 37 ol caalmaa qabaachuu eeraniiru.

Yohaannis Darribowutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.