Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Meeshaalee Gogaa Mojoo ijaarama jiru jila Jibuutiin daawwatame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)- Jilli Jibuutii Ministira Bu’uuraalee Misoomaa fi Meeshaalee Jibuutii Hasan Hamudiin durfamu ijaarsi isaa xumuramaa kan jiru Giddugalaa Buufataa Meeshaalee Gogaa fi Loojistiksii Mojoo dawwatan.

Hojmaanni tajaajila buufatichaa fi hojiileen babal’isaa gaggeeffamaa jiran daawwatamaniiru.

Daawwannicharratti Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Bar’oo Hansan, Hoji Raawwachiisaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa Galaanaa Obbo Abduljabbaar Shamsuu dabalatee jilli Jibuutii fi qondaaltoonni biroon hirmaataniiru.

Hojmaataa teeknooloojiiin deeggarame diriirsuun tajaajila buufataa kennamu sadarkaa caaluutti ceesisuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa akka jiru eerameera.

Fuuldurattis buufataalee Jibuutii waliin qindoomuun hojjechuuf karoorfamuu ibsamuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.