Fana: At a Speed of Life!

Buufatnii fi Terminaalli Qaallittii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona10 oliin ijaaramuufi

Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC)- Ijaarsa buufataa fi terminaala Qaallittii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 10 oliin ijaaramuuf waliigalteen mallattaa’e.

Tajaajilli Geejjiba Galaanaarraa fi Loojstiksii buufataa fi terminaala Qaallitti ijaarsisuuf Korporeeshinii Injinariingii Itiyoophiyaa waliin waliigaltee mallateesseera.

Buufannii fi terminaalli Qaallittii hojjettootaafis ta’ee maamiltootaaf kan hin mijanne ta’uu kan ibsan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Geejjiba Galaanarraa fi Loojistiksii Dooktar Bariisoo Amaloon, bu’uura waliigaltichaan, pirojektichi yeroo qabameefitti akka xumuramu taasisuun bakka hojiif mijataa ta’e ni uumna jedhaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Injinariingii Itiyoophiyaa Injinar Shimallis Isheetuu gamasaaniin, ijaarsa buufatichaa qulqullinaan hojjechuun  yeroo qabameef keessatti xumuruuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Ijaarsi buufataa fi terminaalaa kun baatiiwwan ja’a keessatti kan xumuramu ta’uu waliigaltichaan ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.