Cabiinsa barnootaa suphuuf barsiisonni gahee olaanaa bahachaa jiru- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Hojii cabiinsa damee barnootaa suphuuf hojjetamaa jiru keessatti barsiisonni gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.
Gamaaggamni raawwii karoora baatiwwan 9 darbanii Biiroo Barnootaa Naannoo Kibbaa magaalaa Jiinkaatti gaggeeffameera.
Hojiin barnootaa dhimma biyya itti fufsiisuu ta’uu Piroofeesar Birhaanuun haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ibsaniiru.
Lammiin hundi barnootaafi siyaasa adda baasuun cabiinsa barnootaa suphuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Damichaan jijjiirama bu’uuraa galmeessisuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uus eeraniiru.
Dameen barnootaa dhiibbaa garaagarummaa sadarkaa jireenyaa jalatti kufaa jiraachuu kaasuun, sirna barnootaa haqa qabeessa hin taane jijjiiruuf akkasumas qulqullinaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Sosochii “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun hawaasa hirmaachisuun suphaa manneen barnootaaf Birrii biiliyoonni 54 walitti qabamuu himaniiru.
Ministeerri Barnootaa sirna barnootaa fooyyessuuf kutaalee biyyattii hundatti kitaabilee kuta 1ffaa-3ffaa deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.
Mallas Taaddalaatu gabaase.