Cabiinsa siyaasaa Itiyoophiyaa kan wal’aanan seenessiiwwan waloo uumuuf hojjetameera-Dooktar Tasfaayee Beeljigee
Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)- Waggoota jijjiiramaa keessa cabiinsa siyaasa Itiyoophiyaa kan wal’aanaan seenessiiwwa waloo uumuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beeljigeen ibsan.
Dooktar Tasfaayeen waggoota jijjiiramaa darban aadaa siyaasaa ijaaruuf hojiilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaatti yeroo garaagaraa yaaliin jijjiiramaa akka turan yaadachiisanii, yaaliiwwan kanaaf ka’umsi cabiinsa siyaasaa ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa mootummaa fudhatama ummataa qabu ijaaruu, rakkoo dhabbilee walabaa, seenessiiwwan waloon uumamuu dhabuun, aadaa siyaasaa laafaa fi kanneen biroon ka’umsa turuu eeraniiru.
Rakkoolee mariin furuurra maraammartoon waraanaa rakkoolee hanga ammatti jiran ta’uu ibsaniiru.
Cabiinsa hundee gadi fageeffatan wal’aanuuf tarkaanfiiwwan furmaataa garaagaraa fudhachuun bu’aaleen qabatamaan galmaa’aa jiraachuu himaniiru.
Adeemsa ijaarsa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti walitti dhiyaachuun hojjechuu fi olaantummaa yaadaan waliin mari’achuun aadaa ta’aa dhufuu himanii, cabiinsaa siyaasaa Itiyoophiyaan kan wal’aanaan hojiilee seenessiiwwan waloo uumuuf dandessisan bal’aan hojjetamuu eeraniiru.
Yaadota kamuu gara waltajjii mariitti akka dhufaniif Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamuu kaasanii, mootummaanis gara bal’inaan gara mariitti akka dhufan tattaaffii taasisaa jira jedhaniiru.
Seenessiiwwan qeenxee dhiisuun hojiileen seenessiiwwan waloo ijaaruu cimee itti fufuu himuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia