Fana: At a Speed of Life!

Caffee Oromiyaaf beekamtiin kenname

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa milkaa’ina kabajaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota 19ffaaf gumaacha olaanaa taasiseef Mana Maree Federeeshinirraa beekamtii argateera.
Beekamticha Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan fudhaaniiru.
Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaw Tashaagar, sagantaawwan Naannolee fi Magaalota keessatti gaggeeffamaa turan keessaa Naannoon Oromiyaa, karaa guddummaa ummata naannichaa madaaluun gumaachi taasise fakkeenyummaa addaa kan qabu ta’uu eeruun dinqisiifannaa qabanis ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 19ffaa bara kana kabajame adda durummaan hirmaachuun milkaa’ina guyyichaaf gumaacha olaanaa bahateen beekkamticha argachuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.