Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Yaa’ii taa’uu eegale

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa isaa taa’uu eegaleera.

Afyaa’iin Caffee Oromia Aadde Sa’aadaa Abdurraamaan haasawaa baniinsaa taasisaniin, yaa’ichaa imala boqonnaa haaraa milkeessuuf hojiilee karoorfaman milkeessuu keessatti hojiilee hojjetamaa turan kan ittiin ilaalamu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojiin tarsiimoon bocamanii hojjetamaa jiran jijjiiramoota damee hedduu fidaa jiraachuus kaasan.

Nageenyi waaraan akka naannichaatti mirkanaa’uuf hojii hojjetamaniin, bu’aalee abdachiisaan galmaa’aa akka jiran ibsameera.

Qaamoleen hidhatanii socho’aa turanii karaa nagaatiin galan kan galateeffataman yoo ta’u, kan hafanis karaa nagaa filatanii akka galan dhaamaniiru.

Ajandaaleen marii Caffeef dhiyaatanis sagalee guutuun mirkanaa’uun yaa’ichii eegalameera.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiophia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.