Fana: At a Speed of Life!

Carraalee Invastimantii Itiyoophiyaa beeksisuuf ni hojjenna – Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Carraalee Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu abbootii qabeenyaa Jaappaaniif beeksisuuf kan hojjetu ta’uu Dhaabbanni Daldala Alaa Jaappaan beeksise.

Hojii Raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuun Pireezidaantii Itti Aanaa Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan Kaazuuyaa Naakaajoo waliin mari’ataniiru.

Carraaleen Invastimantii Itiyoophiyaa fi sochii waliigalaa Diinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee Dooktar Fissahaan ibsa taasiisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jaappaan Hojiilee misooma Invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaan Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan Kaazuuyaa Naakaajoon gama isaaniin carraalee Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu abbootii qabeenyaa Jaappaaniif beeksiisuuf dhaabbanni isaanii kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhaabbatichi Biiroo isaa Finfinneetti argamu caalmaatti akka cimsu Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.