Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan damee Meekaanaayizeeshinii qonnaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen jila Pireezidaantii itti aanaa Korporeeshinii Indaastirii Mashinarii Biyyaalessa Chaayinaa Lii Shaayiyuuniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota damee Meekaanaayizeeshinii qonnaan tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ibsameera.

Qonna ammayyeessuuf Kilaasterri qonnaa bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuuu Dooktar Girmaan kaasaniiru.

Kanaafis fedhiin mashinaroota qonnaa hedduun jiraachuu himaniiru.

Dhaabbanni isaanii mashinaroota sadarkaa isaanii eeggatan gabaa Itiyoophiyaaf akka dhiyeessu Dooktar Girmaan gaafataniiru.

Pireezidaantii itti aanaan Korporeeshinii Indaastirii Mashinarii Biyyaalessa Chaayinaa Lii Shaayiyuuniin gama isaaniin, muuxannoo bal’aa maashinaroota, misoomaa fi qoraannoo qonnaarratti qaban Dooktar Girmaaf qoodaniiru.

Fedhii damee qonnaan jiru guutuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.