Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Giddugala Qorannoo Walta’iinsa Biyyoota Kibba-Kibbaa akka ijaartu beeksiste

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)-Chaayinaan Walta’iinsa Misoomaa Biyyoota guddachaa jiranii kan ta’e Giddugala Qorannoo Walta’iinsa Biyyoota Kibba-Kibbaa akka ijaartu beeksiste.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Jila Pireezidaantii Mana Maree Qorannoo fi Qo’annoo Luu Huwaawoon durfamu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Luu Huwaawoo akka jedhanitti Chaayinaan hariiroo biyyoota Kibbaa fi Afrikaa waliin qaban cimsuuf Yaa’iin Walta’iinsa Chaayinaa Afrikaa milkaa’inaan gaggeeffameera.

Mootummaan Chaayinaas biyyoota Kibbaa, biyyootaa kaabaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walitti hidhamiinsa uumuuf kan tumsu Giddugala Qorannoo Walta’iinsa Kibba-Kibbaa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Giddugalichi wayita hundaa’utti biyyoonni guddachaa jiran muuxannoo waljijjiirraa fi imaammataa akka gaggeessan taasisuun guddina waaraa isaaniif gahee olaanaa akka bahatu hubachiisaniiru.

Obbo Ahimad Shideen gama isaaniin, giddugalichi ijaaramuun Afrikaa fi biyyoota Eeshiyaa guddachaa jiraniif gumaachaa olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Chaayinaan guddina Afrikaaf gumaacha olaanaa taasisaa akka jirtus ibsanii, guddinni Chaayinaa guddina Afrikaatis jedhan.

Mootummaan Chaayinaa damee faayinaansii fi seektarootaa biroo Itiyoophiyaa irratti hojiilee misoomaa hojjechaa jirtu cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.